Barissa Saturday
December 6, 2025
Beeksisa
Waamicha Caalbaasii (IFB)
Doormii, Mana Fincaanii,
Dallayaafi Mana Waardiyaa Barattoota Mana Barnootaa Addaa Sheekbakrii Saaphaloo
1, Waajjirri Barnootaa Aanaa
Gooroo Guutuu kontiraaktaroota gosa waliigalaa ykh kontiraaktaroota ijaarsaa
gosa GC/BC-6 fi isaa ol ta'an hunda kan Ministeera Konistiraakshinii fi Misooma
Magaalaa/Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa irraa hayyama haaromfame kan
seera qabeessa tae kan dhiyeessan hundaaf affeereera.
2. Dorgomaan VAT fi waraabbii
waraqaa ragaa VAT, hayyama daldalaa bara 2018 hayyama haaromfame bara 2017 E.C
gibira kaffaluu waraqaa qulqullaa'uu (Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa ykn
Abbaa Taayitaa Galiiwwan Biyyaalessaa), waraqaa ragaa galmee (mirga gahumsaa)
fi galmee tarree Dhiyeessitoota PPA keessatti ragaan iyyata waliin dabalamee
dhiyaachuu qaba.
3. Beeksisni guyyaa 27/03/2018
irraa eegalee guyyoota hojii 21f kan turu yoo ta'u guyyaa 22 (yoo Ayyaana tae
guyyaa hojii itti aanu) ganama keessaa sa'aatii 4:00tti kan cufamuufi guyyuma
kana sa'aatii 4:30tti Galma Waajjira Bulchiinsa Aanaa Gooroo Guutuutti ni
banama.
4. Dorgomtoonni Muuxannoo
waggoottan darban keessatti yoo xiqqaate waliigaltee yoo xiqqaatee baajata
sanada caalbaasii/waliigaltee/ kana waliin wal gitu haala gaariin hojjetee
xumuruu isaa kan agarsiisu ragaa dhiyeessuu qaba.
5. Wabii caalbaasii CPO Qarshii
300,000 (Kuma dhibba sadii qofa) qarshiifi wabii caalbaasiin erga banamee booda
guyyoota 90f seera qabeessa ta'uu qaba. Wabii Caalbaasii poostaa adda addaatiin
samsamee Waajjira Barnootaa Aanaa Goroo Guutuufi sanada gahumsaa waliin qabamuu
qaba.
6. Dorgomtoonni Wabii caalbaasii
maqaa pirojektii sirrii dhiyeessuuf maqaa hojjechiisaa, maqaa sirrii pirojektii
itti dhiyaateef seera qabeessummaa wabii caalbaasii irratti barreeffamuu qaba.
Kanneen keessaa tokkollee ibsuu dhabuun caalbaasii ala ni taasisa.
7. Sanada teeknikaa sobaa
kamiyyuu dorgomaan dhiyeessuun yoo mirkanaae itti gaafatamummaa caalbaasii
irratti hirmaachuun yakka cimaan nama gaafachiisa.
8. Sanadni gahumsa teeknikaa
orjinaala tokkoo fi koppii lama ta'een poostaa sirnaan mallatteeffame,
chaappaafi addatti mallattoo cufame keessatti, "original",
"copy-1"fi "copy-2" jechuun ifatti mallatteeffamuu qaba,
Sanadni Faayinaansii kun orjinaala tokkoofi koppii lama teen poostaa sirnaan mallattaa'e,
chaappaafi addatti agarsistuu keessatti, "original",
"copy-1"fi "copy- 2" jechuun ifatti mallatteeffamee cufamee
kan qophaa'u taa.
9. Sanadoonni teeknikaafi
faayinaansii hunda dhumarratti walitti qabuun gara poostaa alaa guddaa bakka
tokkotti samsamee kan galudha.
10. Koppiin sanadoota teeknikaa
dorgomaan dhiyaachuu qabu gahaa taee mul'achuu qaba. Sanadni teeknikaa waraabbli
ifa hintaane ykn hin muľanne dhiyaate kamiyyuu adeemsa madaallii teeknikaa
keessatti ilaalcha keessa hin galu kufaa ta'a.
11. Sanada orginaala hayyama
daldalaa, waraqaa ragaa VAT, qulqullina gibiraa, waraqaa ragaa galmee, hayyama
ijaarsaa, Ragaa gahumsaa haaromfamuu Ministeera Ijaarsaafi Misooma Magaalaa
irraa Abbaa Taayitaa Ijaarsa Oromiyaa Sanadni hayyamame haaromfame guyyoota baniinsaa
irratti argamuun dirqama.
12. Kontiraaktara Biiroo,
Waajjira Zooniifi Dameelee Naannoo biroo ykn dame hayyamame biroo kamiyyuu
yeroo waliigaltee isaanii darbe keessatti raawwi badaa (kan mirkanaae) waliin
seenaa hojii dhaabuu qabu. Yeroo madaallii teeknikaa kontiraaktaraa kana
gamaaggama ala taasisuu mirga guutuu qaba.
13. Caalbaasichi bakka abbaan
Dhaabbatichaa ykn bakka bu'aan isaanii argamanitti ni banama.
14. Caalbaasiin yeroon booda
dhiyaate caalbaasii ala taha.
15. Sanadoota bakka hin taane
kaa'uun sanadni caalbaasii ala akka tahu godha.
Waajjirichi caalbaasii gartokkee
ykn guutummaatti haquuf mirga qaba.
Waajjira
Barnootaa Aanaa Gooroo Guutuu