Bariisaa
Saturday may 24, 2025
Beeksisa
Caalbaasii
Lakkoofsa
Caalbaasii: OTA/NCB/008/2025 fi 009/2025
Ejensiin Geejibaa
Oromiyaa Gidduugala Leenjii Konkolaachisummaa fi Teknishanoota Adaamaa fi Buufata
Konkolataa Magaala Shaambuu keessatti argaman haaromsuuf dorgomtoota ulaagaa
caalbaasii guutuu danda'an akka irratti hirmaatan ni afeera.
1. Ejensiin
Geejibaa Oromiyaa baajata bara 2017 Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa ramadameen
Haaromsa Gidduugala Leenjii Konkolaachisummaa fi Teknishanoota Adaamaa fi
Buufataalee Konkolaataa Magaalaa keessa jiru hojjachiisuu barbaada.
2. Ejensiin
Geejibaa Oromiyaa Dorgomtoota / Kontiraaktaroota sadarkaan isaanii kanaan
gaditti mul'atan:
a) BC-3 ykn GC-4 fi
isaa olii gidduugala Leenjii konkolaachisummaa fi Teeknishanoota Adaamaatiif
b) BC-5 ykn GC-5 fi
isaa ol ii Buufata Konkolaataa Magaalaa Shaambuutiif heyyama isaanii bara 2017
haaromfame akka hirmaatan affeeree jira.
3. Dorgomtootni
hirmaachuuf fedhii qaban sanada caalbaasii qophaa'e iyyannoo barreeffamaa
dhiyeessuun kaffaltii hin deebine qarshii 2,000.00 (kuma Lama) beeksisa guyyaa
jalqabaa Gaazexaa Bariisaa irratti bahee irraa eegalee hanga dhumaatti Ejensii
Geejibaa Oromiyaa Wiixataa hanga Jimaataa yeroo sa'aatii hojitti herrega Baankii
Lakkoofsa Siinqee 1048017971225 ykn Baankii Daldalaa Itoophiyaa 1000007343317
galchuun nagahee Baankii fiduu qaba.
4. Dorgomaan “VAT”
fi ragaa galmee TIN, Heyyama Daldalaa seera qabeessa ta'e fi ragaa galmee
Ministeera Konistiraakshinii ykn Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa
biratti fudhachuuf galmaa'e waliin dhiyeeffachuu qaba.
5. Dorgomtoonni
odeeffannoo dabalataa argachuu, sakatta'uu fi sanada caalbaasii Ejensii
Geejibaa Oromiyaa qaaman dhiyaatanii argachuu ni danda'u.
6. Caalbaasiin
hundi wabii caalbaasii maallaqa callaa baankii, wabii baankii haala irratti hin
hundoofne letter kireediitii hin jijjiiramne ta'een Adaamaa qarshii 250,000.00
kan Shaambuu qarshii 100,000.00 guyyaa caal-baasiin yaada dorgomtootaa itti
kennamee booda guyyoota 120f kan hojjatu ta'uu qaba. Wabii caalbaasiitiif dhiyaatu
Maqaa Ejensii Geejibaa Oromiyaatiin dhiyaachuu qaba.
7. Caalbaasiin
akkaataa hojimaata caalbaasii biyyoolessaa banaa labsii bittaa mootummaa
Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalaa Itoophiyaa keessatti argamuun kan
gaggeeffamu yoo ta'u, dorgomtoota ulaagaa guutan hundaaf banaadha.
8. Sanada
caalbaasii Afaan Oromiffaan guutuu ta’e dorgomtoota fedhii qabaniin bitamuu kan
danda'uu fi kaffaltii hin deebine qarshii 2,000.00 (kuma lama) Herrega baankii
armaan olitti ibsametti galii ta'e nagahee fiduudhaan guyyota walitti aanan
21fi sa'aatii hojii guyyaa beeksisa jalqabaa gaazexaa Barilsaa irratti beeksifamee
irraa eegalee wiixataa hanga jimaataatti dhiyeessuu qabu.
9. Dhiyeessuu fi
baniinsa caalbaasii:
a) Yeroon xumuraa
caalbaasii (sanada gahumsa teeknikaa fi dhiyeessii faayinaansii of-danda'ee)
dhiyaachuun guyyaa 21ffaa sa'aatii biyya keessaa sa'aatii 8:00 ykn sana dura
guyyaa jalqaba gaazexaa Bariisaa irratti beeksifame irraa eegalee ta'a. Guyyaan
digdamii tokkoffaan guyyaa hojii y o hin taane, guyyaa hojii itti aanu ta'a.
b) Sanada
orijinaalli fi waraabbii gahumsa teeknikaa adda addaan (envelope) cufame
keessatti "Orijinaalfi waraabbii sanadoota gahumsa teeknikaa” jedhamee
mallatteeffame keessatti kan kaa'amuu fi (envelope) lamaan, envelope alaa
guddaa keessa kaa'amee cufamuu qaba. Enveloppiin alaa kun teessoo dhiyeessii fi
odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa caalbaasii irratti agarsiifaman kan qabu
yoo ta'u, "Bakka Koreen caalbaasii jirutti qofa banama" jedhamee
ifatti kan barreeffamu yoo ta'u, wabii caalbaasii qophaatti saamsuun sanada
teeknikaa orijinaala waliin kaa'ama.
c) Orijinaalli fi
kooppiin sanadoota dhiyeessii Faayinaansii addaan baafamee (envelope) cufame
keessatti kan mallatteeffame "Orijinaal fi Koppii Sanadoota Dhiyeessii
Faayinaansii" jedhamee kan mallatteeffamu yoo ta'u, envelope lamaan
envelope alaa guddaa keessa kaa'amee cufamuu qaba. Enveloppiin alaa kun teessoo
dhiyeessii fi Odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa irratti agarsiifaman kan qabu
yoo ta'u, "Bakka Koreen caalbaasii jirutti qofa banama" jedhamee
ifatti kan barreeffame ta'uu qaba.
d) Lamaanuu
Piropozaala Teeknikaa fi Faayinaansii keessatti (Envelope) haadha tokko keessa kan
kaa'amu yoo ta'u (envelope) alaa kun teessoo dhiyaannaa fi Odeeffannoowwan
biroo waraqaa ragaa irratti agarsiifaman kan qabuu fi "Bakka Koreen
caal-baasii jirutti qofa banamuu kan qabu ta'uu" qaba.
e) Chaappaa,
mallatteessuu fi mallattoon caalbaasii akkaataa qajeelfama dorgomtootaatiin
ibsameen ta'uu qaba.
f) Sanada
caalbaasii qopheessuu keessatti dorgomtoonni ragaa caal- baasii sanada
caalbaasii keessa jiru qorachuun irraa eegama.
g) Sanadni ulaagaa
guutuu guyyaa beeksisa jalqabaa hojii irraa eegalee\ guyyuma sanatti sa'aatii
biyya keessaa sa'aatii 4:00tti guyyaa 22ffaa ni banama. Guyyaan digdamii
lammaffaan guyyaa hojii yoo hin taane, guyyaa hojii itti aanu ta'a.
h) Sanadni
dhiyeessii faayinaansii cufamee kan turuu fi saanduqa kanaaf qophaa'e keessatti
bakka odiitarri ykn qaamni hayyamame kamiyyuu jirutti, hanga dhiyeessiin
faayinaansii dorgomtoota gahumsa qaban beeksisa banamutti ni qabaata.
i) Dhiyeessiin
Faayinaansii dorgomtoota ulaagaa Teeknikaa guutan ykn (Responsive) ta'an qofatu
guyyaa banamuu Faayinaansii murtaa'etti ni banama. Yeroo faayinaansii banamu
dorgomtoota ulaagaa guutuu hin qabne sanadni osoo hin banamin ni deebi'a. Maamilichi
guyyaa fi sa'aatii banamuu faayinaansii dorgomtootaaf ni ibsa.
j) Sanada sobaa
yookiin sanada gahumsa teeknikaa irratti dhiyeessii faayinaansii agarsiisuuf
yaaliin yoo godhame caalbaasichi akka kuffisu ni taasisa.
k) Ejensiin
Geejibaa "Sanada Gahumsa Teeknikaa" "Sanada Dhiyeessii Faayinaansii"
envelope keessatti dogoggoraan kaa'amuu ykn faallaa kanaatiin, kan dorgomaan
fiduuf itti gaafatamummaa hin fudhatu.
10 Hojiirra oolmaan
caalbaasichaa guyyaa caalbaasiin baname irraa eegalee guyyoota kaalaandarii 120
ta'a.
11 Haaromsi Gidduugala
Leenjii Konkolaachisummaa fi Teeknishanoota Adaamaaa fi Buufata Konkolaataa
Magaalaa Shaambuu guyyaa hojiin jalqabame irraa eegalee hanga guyyoota kaalaandarii
180 kan xumuramu ta'a.
12 Kontiraaktaroota
hojii harkaa qaban adeemsi hojii Fiizikaalaa %75 ol guutuu ta'uu fi ragaan
maamila pirojektootaa irraa walitti qabamuu qaba.
13 Ejensiin
Geejibaa Oromiyaa caalbaasii kamiyyuu ykn hunda fudhachuu ykn diduudhaaf mirga
qaba.
Daarektara
Bittaa fi Bulchiinsa Faayinaansii
Bilbila:-
+251-913221252
Eiensii
Geejiba Oromiyaa